Amma Yaabbadhu
አማርኛ • 简体中文 • 繁体字 • 日本語 • 한국어 • Oromiffa • af-Soomaali • Español • Tagalog • ትግርኛ • Tiếng việt • English
Vaawucharoonni Yaabbii Ammaa maali?
Wayta barbaade yaabbii argamuu danda'u kan kaffalttiin madalawaa ta'e argadhu.
Manguddooni 65+, namoonni hir'ina qaamaa qaban, fi kunuunsitoonni yaabbatoota ulaagaa guutan wajjin deeman vaawucharoota $20 anga 6 ji'a tokko keessatti yaabbiwwan Yellow Cab, Uber, ykn Lyft irratti gara buufata geejjiba hawaasaa kan akka dhaabbiiwwan atobisii ykn baabura salphaa, ykn dhuma imala dhiyoo biroo kan geejjiba hawaasatiin gaarin hin tajaajilamne kan akka paarkii ykn mana firaatti ykn irraa deemuf fayyadamuuf argachuu ni danda'u. Vaawucharoonni $20 kun imaloota anga maayiloota 3 guutudhaan haguuguu qabu. Yaabbiwwan martuu daangaawwan magaala Siyaatil keessatti jalqabuu ykn dhumuu qabu.
Fedhii olaanaa irraa kan ka’e sagantaa yaalii Ride Now hanga Waxabajjii 2022tti dheerateera. Namoonni dhuunfaa ulaagaa guutan karaa tajaajila hirmaataa ta’een itti fayyadamuuf waraqaa ykn vaawucharii dijitaalaa argachuu filachuu danda’u. Tokkoon tokkoon tuuta vaawucharii gaafatame dhuma ji’a ji’aan (Amajjii, Ebla, Caamsaa, fi Waxabajjii 2022) yeroon isaa kan darbu yoo ta’u, vaawucharii haaraa hanga Waxabajjii 3, 2022tti gaafachuun ni danda’ama. Vaawucharoonni yaabbii Waxabajjii 30, 2022 booda hin fudhataman. Vaawucharooni kan argaman yeroo dhiyeessiin jiru qofa.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee sagantaa Ride Now fi tajaajilli sochii gaafii irratti hundaa’e kun akkamitti si ykn nama beektu afaan ati barbaadduun gargaaruu danda’uuf, maaloo (206) 684-7623 (ROAD) irratti nu bilbili ykn RideNow @seattle. gov irratti iimeelii nuuf ergi. Tajaajilli turjumaanaa bilisaan ni jira.
Vaawucharoota keessan jalqabaa unka armaan gadii guutudhaan ykn (206) 684-ROAD [7623] bilbiluun gaafadhaa. Vaawucharoonni anga dhiyyeessaleen dhumanitti ni jiru.
A vendor contracted by the City of Seattle processes the information you provide here and may use third party tools to communicate, where our Privacy Policy doesn't apply. We recommend that you check the vendor's privacy policy for details about information collection and use.
Tajaajiloonni yaabbii vaawucharoota kana fudhatan kami?
Vaawucharoonni yaabbiiwwan karaa dhiyeesitoota yaabbii hirmaatan armaa gaditti tarreeffamanif gatii gadi buusa ykn guutudhaan ni kafalu.
Vaawucharoota akkatti fayyadaman
Tarkaanfii 1: Yaabbii qabadhu
- Tooftawwan jiran kanneen kamiinuu yaabbii keessan qabadhaa:
- Bilbila: Taaksii Boora qabadhaa (206) 622-6500 bibiluudhan.
- Aappii bilibilaa: Yellow Cab, Uber, ykn Lyft bilbila keessan irratti karaa aappii isaanitiin qabadha.
- Kompiitara: Uber ykn Lyft karaa marsaaritii kompiitara ykn taableetii keetii qabadhu ykn galmaahi.
- Yoom yaabbiin keessan akka qaqqabu odeeffannoo ni argattu akkasumas shufeera keessan waantonni tokko tokko akka mijeessan gaafachuu ni dandeessu.
Tarkaanfii 2: Konkolaataan yeroodhaan qaqqaba
- Yaabbin Yellow Cab, Uber, ykn Lyft dhiyeenyatti qaqqaba, yeroo baay'e erga gaafatamanii daqiiqaawwan 10-30 keessatti.
- Konkolaattonni Uber ykn Lyft baay'innaan konkolaattota manaati, yoo addaan baafamanii himaman malee.
- Taaksii Boorri (Yellow Cab) yaabbatoota warra barbaadaniif konkolaatota barcuma-gololleedhan qaqqabaman ni dhiyeessu.
Tarkaanfii 3: Buusu fi kafaluu
- Shuffeerri buufata geejjiba hawaasaa isa dhiyootti ykn bakkee xumura imalaa biraa dhiyootti isin buusa.
- Hir'ina gatii yaabbii keessan irratti dabaluuf vaawuchara waraqaa ykn dijitaalaa keessan fayyadamaa
- Vaawucharri yaabii $20 imaloota amma maayiloota 3 baay'ee bilisa ykn gadi fageenyan akka gatiin hir'atu gochuuf yaadameeti.
- Kaffaltii hafe kafali. Yaabbii Yellow Cabiif, kaffalti harkaan ykn credit/debit kaardidhaan kafaluu ni danda'ama. Kaffaltti imalaa hafu kan Lyft ykn Uber irraatiif credit ykn debit kaardii fayila smartphone aappii keessa jiruun kafalamuu qaba.
- Maaloo shufeera keessan tiipii kennuufii hin dagatinaa!
- Yellow Kabiif: Hafteen maallaqaa vaawuchara waraqaa irraa gara tiippitti fayyadamuun ni danda'ama ykn kaffaltii harkaan (kaashin) tiippii kennuu ni dandeessu.
- Lyft ykn Uberiif: Shufeerotaaf tiipii keennufiif karaa smartphone aappitiin credit/debit kaardii fayila irraa jirun ni danda'ama. Vaawucharoonni dijitaalaa yaabbiiwwan Uber ykn Lyft irratti tiippidhaaf fayyadamuun hin danda'amu.
Sadarkaa 4: Dubdeebii kennaa (ni jajjabeefama)
Tajaajiloota yabbii-qooduu kana fi vaawucharoota kee akkatti itti fayyadaman dabalataan barachuu yoo barbaaddan, SDOT Blog irratti caalan dubbisuu ni dandeessu.
Other Transportation Programs
Gargaarsi maallaqaa sagantaa addaa Yaabbii Ammaa akka ta'u gargaare karaa kenna Karoorfannaa Geejjiba Hawaasa Hundaaf (Transit Planning 4 All) , pirojeektii karoorfannaa geejjibaa biyoolessaa kan karoorfannaa geejjiaa kessatti namoota hir'ina qaamaa qaban fi manguddoota dabaluuf raawwiiwwan haalan garii ta'an barbaadu fi jajjaeessu, ta'een kan fudhatameedha.
Akka qaama Karoorfannaa Geejjiba Hawaasa Hundaa 2018-2019 tti, Grantee Cohort, Hopelink (Kiing Kaawuntii, WA) Meeshaa Karoorfannaa Hammataa uume, sassaaii barnoota hirmaannaa keenna keessatti Qindoomina Hopelink fi Sosochii King Kaawuntii. SDOTn sagantaa addaa kana oggaa karoorfatu Meeshaa Karoorfannaa Hammataa baldhinaan fayyadameeti.
Meeshaa Karoorfannaa Hammataa Hopelink asitti qorachuu dandeessu.